Muummichi Ministaraa Itiyoophiyaa Bakka-bu’oota Uummataa Naannoo Tigiraay Waliin Mari’atan

  • VOA

FAAYILII - Muummicha Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed ibsa oggaa kennan, Finfinnee, Hagayya 1, 2019.

Muummichii minsteeraa mootummaa Ityoophiyaa Abiy Ahimed erga walwaraansii Tigraay keessatti jalaqabamee as yeroo jalqabaatiif bakka bu’oota ummaata naanno Tigraay wajjin jimaata har’aa Finfinnee keessatti marii taasisanii jiru.

Walgahii marii kana irratti bakka bu’oonni 200 ta’an kan hirmaatan yemuu ta’u , marii kana ilaalchisee mummichii ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmed ergaa karaa midiiyaa hawaasaatiin dabarsaniin bakka bu’ootaa umataa wajjin marii bu’a qabeessa ta’e taasisuu isaanii ibsanii naannoo Tigraay keessatti nageenyaa fi misoomaa mirkaneesuudhaaf mootumman isaanii qophaawaa akka ta’e eeruu isaanii waajjirru muummicha ministeera ibseera.

Marichaa irratti namoottan hirmaatan keessas tokko kan ta’an Obbo Tsagaawu Taadesee nammi jedhaman marichii haala tasgabbaa’aa ta’een akka taasifamee ibsanii namoottan sababa walwaraansaatiin jireenya isaanii irraa buqqa’an akka qe’ee isaaniitti deebi’an , daangaan naannoo Tigraays akka bakkaa walwaraansaa dura tureetti deebi’uu qabuu irratti maryatamuu isaa sagalee Amerikaatti himaniiru.

Itti antuu dura teessuu waldaa barsiisota Tigraay kan ta’an barsiiftuu Nigisti Gaared mariin muummicha ministeeraa wajjin taasifame Afaan Amaaraa fi Afaan Tigraayiin akka ta’e himaniiru.

Maricha irraati prezidaantiin bulchiinsa yeroo kan naanno Tigraay Geetaachewu Raddaa fi ministirri ittisa biyyaa Abrehaa Belaay hirmaachuu isaanii Maqalee irraa kan ibse Muluugeetaa Astbehaa maricha gabaasuudhaaf naannoo Tigraay irraa gabaastonii garaa Finfinee deeman gara galama marichaa akka hin seenne taasifamuu isaanii beeksiseera