Abjuu koo Isa Guddaatu Fiixaan Naa Ba'e: Atleet Siifan Haassan

  • VOA

Faayilii -Atileet Sifan Hassan

Fiigiicha dubartootaa kan meetra kuma 10 kaleessa Hengeloo Nezeerlands keessatti gaggeeffameen, Siifan Hassaan qabxii haaraa galmeessuun injiifattee jirti.

Umriin ishee 28 fi Lammii biyya Neezerlaands kan taatee siifan fiigiicha kana Daqiiqaa 29 seekondii 6.82n xumuurte.Baatii Onkolooleessa dabree fiigiicha wal fakkaataa gaggeeffameen injifattee shaampiyoonaa biyyoota Awuroopaa taatee turte.

Atleetiin Itiyoophiyaa Almaaz Ayyaanaa dorgommii figiicha Kuma 10 kan bara 2016 gaggeeffameen, reekordii addunyaa qabattee kan turte yoo ta’u siifan immoo isa Almaaziin galmaa’ee ture seekoondii 10niin foyyeessite.

Hengeloo keessatti dorgommii gaggeessuun rekoordii ykn qabxii foyyeessuu inni jedhu “abjuu koo isa guddaa dha” kan jette siifan, deggertoota koo kan biyya Neezeerland duratti qabxii haaraa galmeessuu koof gammadeera jette.

Kana mal ees dorgommii olompilaa Tokyootti akka dorgomuu danda’u mirkaneessuuf jecha cimiinaan hojjachu koos kun ni agarsiisaa jette jirti.