ABUT Haleellaa Haaraa Gaggeesse :Angawaa 

  • VOA

FAAYILII - Miseensa waraana ABUT, Caamsaa 7, 2021,

Bulchiinsa naannoo Affaar keessatti haleellaa Addi Bilisummaa Uummata Tigraay(ABUT) geesisee sana booda, uummanni kuma kurna hedduun manaa fi qe’e isaa irraa godaanuu bulchaan magaalaa Abaalaa XaahiIr Hassan ibsanii jiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa waraanni isaa akka gara Tigraayti hin imallee dhorkaa ituu jiruu ABUT garu Naannoo jireenyaa kan magaalatti keessaa haleelan jedhan.Abaalaan daandii semeraa fi Maqalee wal argisiisuu gidduu jirti.

Mootummaan Itiyoophiyaa kamiisa kaleessaa galgala ibsa baaseen, ABUT karaa gargaarsii darbuu irratti haleellaa banee jedhee jira.Karaa gargaarsii Tigraayiin ittiin dhaqqabuu Abaalaa irrattis haleellaa haaraa banuun isaa arguun ajaa’ibsiisaa dha jedha ibsii ba’e.