Afrikaa Kibbaatti Namoonni Lama Sababa Vaarasii Koronaatin Du'an

  • VOA

Afrikaa Kibbaa har’a sababaa Vaayiresii Koronaatiin yeroo jalqabaaf namni 2 jalaa du’uu beeksistee jirti. Lakkoobsi namoota biyya ishee keessatti vaayiresichaan qabanmee yeroo ammaa kuma tokko guutuun kan himame yoo tahu, torbanneen sadi’iif akka namni manaa hin baanee fi waan hundinuu cufamu labsii baafattes, hojii irraa oolchuu jalqabdee jirti – Afrikaa Kibbaa.

Du’a namoota lameenii ka mirkaneesse – Ministarri Fayyaa biyyattii Ziweelii Mikiizee, namoonni du’an lameenuu kutaa Keepp Lixaa keessatti tahuu dubbatan.

Ardii Afrikaa haga ammaatti walumaa-galatti namoonni kuma sadi’ii ol vaayiresichaan keessatti qabamuun gabaasame keessaa, kumni tokko Afrikaa Kibbaa keessatti tahuun, biyyattiin ardittii keessaa sadarkaa tokkoffaa irra akka jirtu agarsiisa.