Ajajaan Waraana Somaaliyaa Gameessi Ni Ajjeefaman

Ajajaan waraana Somaaliyaa gameessi dhuka’aa daandii Moqaadishoo cina jiru irra dho’een ajjeefamuun isaanii beekamee jira. Ajjeechaan kun kan raawwate angawoonni gameeyyii hedduun erga ajjeefamanii ji’a lama booda bakkuma wal fakkaatutti dhuka’aa akka tasaa dhuka’een ta’uu angawoonni waraanaa VOAf mirkaneessaniiru.

Koloneel Abdisalam Sheek Aden kan du’an, dugdee magaalaa Moqaadishoo gama kibbaatti kan argamu maadhee waraanaa Dhananee keessaa gad ba’anii yeroo xiqqoo booda dhuka’aa dho’een ture.

Aden itti aanaa ajajaa waraanaa Somaaliyaa guddichaa murna 12ffaa turan. Angawaan lammataa Koloneel Abdirahaman Jamale Musee itti gaafatamaan dhimmi maallaqa waraanichaa illee dho’iinsuma Kanaan ajjeefaman. Haleellaa kanaaf al-Shabaabtu itti gaafatama fudhate.