Ajjeechaa Baaboo Gambeelitti Raaw’atameef Mootummaan Hidhattoota WBO Himata. Ajajaan WBO, Oromiyaa Lixaammoo Ni Haalan  

Faayilii - Gimbii, Walaga Lixaa

Godina Wallagga Lixaa, aanaa Baabboo Gambeel keessatti, haleellaa hidhattootni dheengadda raawwataniin namootni nagaa ajjeefamuu himame. Itti gaafatamaan Waajjira bulchiinsaafi Nageenyaa Godina Wallagga lixaa, “Namootni 28 yoo ajjeefaman, 14 ammoo mada’aniiru, ajjeechaa kanas ABO Shaneetu raawwate” jechuun himatu.

Komishiniin Poolisii Naannoo Oromiyaallee ibsa kaleessa baaseen, “aanaa Baabboo Gambeel keessatti ABO Shaneen namoota 28 ajjeese” jedheera.

Kan mootummaan “ABO Shanee” jechuun haleellaa kanaaf balaaleffate, Waraana Bilisummaa Oromootti, ajajaa godinaa Oromiyaa Lixaa ka tahan fi “Jaal Mrroo” jedhamuun beekaman – Kumsaa Dirribaa bilbilaan dubbisnee, “ajjeechaa kanas tahe ajjeechaalee siiviloota irratti geggeessaman kam keessaayyuu WBOn harka hin qabuu, qorannaan walaba tahe akka irratti geggeessamu barbaadna,” jedhu.

Guutummaa qophichaa caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Ajjeechaa Baaboo Gambeelitti Raaw’atameef Mootummaan Hidhattoota WBO Himata. Ajajaan WBO, Oromiyaa Lixaammoo Ni Haalan