Ajjeechaa Miseensota Jila Gadaa Michillee Irratti Koomishiniin Poolisii Oromiyaa Har’a Ibsa Kenne

Komishinarri Itti Aanaa Koomishiniin Poolisii Oromiyaa, Girmaa Galaan

Godinaa Shawaa Bahaa, aanaa Boosat keessatti, miseensota jila Gadaa Michilleerratti ajjeechaa raawwatameen wal qabatee, namoota lama qabee qorataa akka jiru Koomishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.

Komishinarri Itti Aanaa Komishinichaa Girmaa Galaan, har’a ibsa maddeen oduuf kennaniin, “Ddeemsa qorannoof wantootni barbaachisoo tahan argamaniiru,” jedhan.

Gama biraan, Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Miseensota Gadaa Michillerratti Ajjeechaan Raaw’atame Humnoota Mootummaatiini jechuun kaleessa gabaasa baaseera.

Your browser doesn’t support HTML5

Ajjeechaa Miseensota Jila Gadaa Michillee Irratti Koomishiniin Poolisii Oromiyaa Har’a Ibsa Kenne