Seenaan Oromoo duruu afaaniin waan dubbataniif hujiin nama jajjabaa fi qaroo akkanaa guddoollee hin mullatuu fa.Warra dubbii fi hujiin isaa hardhallee qalbii Oromoo keessaa hin badin keessaa tokko,Akkoo Manooyyeeti.Akkoo Manooyyee nama bara kuma hedduutii asitti akkanuma waan isiin jettee fi hojjatte jedhan haasahan.
Akkoo Manooyyee bara isiitti nama laafaa hin jaalattu jedhan,bara tokkoo fa waaqaa fi lafa jidduutti mana naa jaaraa,taffii subba(qalqalloo) miyyuu naa qabaa,waan fardaa gadii harree olii naa fidaa fa jettee jedhan.
Waaqaa fi lafa jidduutti mana jaaruuf abbaatti utubaa dhaabataa ati utubaa nuu dhaabii jedhaniin,taffii subbaa tokko fiduuf ammoo udaan harree walti guuranii turraan taffii tahan,waan harree olii,ka fardaa gadii ammoo Harree-Diidaa qabanii itti geessan.
Akka jecha Obbo Jaatanii Abbikuusee,I/G/B/Aadaa fi Tuurizimii Godina Booranaatti Akkoo Haatii Mannooyyee,dubbiin jaartii tanaa nama qaroomsiti,waan isiin hajajjje sun guutuuf namii itti yaadee waan itti baha.Dubartootii Oromoo ta hujii akkanaatiin faarsan hedduutti jirallee jedha.
“Dubartiin akka Akkoo Haamanooyyee ta seenaa jajjabaan beekan,ka mataa duulaa turan Adii Duuloo Willee,Buruurii Canaa Aaraa,Booree Nyuukkee,warrii kun warra akka jabaa,raagaa,qaroo fi waan heduun faana yaahan ka barrssinee…kaahuutti jirru.”
Dr.Gammachuu Magarsaa,nama seenaa fi Seera Gadaa Oromoo barreessuun beekamu.