Antoniyii Blinken Walgahii Dhimmaa Liibiyaa Barliinitti Geggeeffame Irratti Hirmatan

  • VOA

Ministeerii Dhimma Alaa Yunaayitid Istetes, Antoniyii Blinken fi Chaansilerii Jarmaan Anjelaa Merkel, Jarmaan, Waxabajjii 23, 2021

Ministeerii Dhimma Alaa Yunaayitid Istetes, Antoniyii Blinken wal gahii waa’ee biyya Libiyaa maryatuu irratii hirmaachuuf Jarman magaala Barliin ti argamaniiru..

Akkataa wal loliinsii Libiyaa keessa jiru dhaabbatee mootummaan tasgabaa’e ijaramuu danda’u irrati wal gahii dubbatu kana kan qopheesan dhaabata mootumoota gamtomanii fi mootummaan jarman waliin ta’uudhaan.

"Libiyaan biyyaa walabummaa, tasgabiidhaa fi nageenyaa qabaachuu dandeesu akka taatu gargaruudhaan akka isheen fulduratti tarkaanfatuu gochuudhaaf carra turetti fayyadamuu hin dandeenye,"jedhan Antonii Bilinken, erga ministeera dhimma alaa Jarman Heiko Maas waliin marii taasisanii booda.

Bilinken Heiko maas waliin ibsa Gazexesotaaf kena irratii , egeree nageenya Libiya mirkaneesuudhaaf dhukaasin dhaabatee akka umnii alaa biyya sana seenu danda’u irratii walii galteen akka jiru dubbatan.

Dhimma libiyaa irrati Ergamaan adda Yunaayitig Isteetes Richard Norland wixata dheengaddaa ibsa gazexesootaaf kennan keesati akka jedhanitti walgahiin amma kun ji’a muddee dhufu keessa filannoo Libiyaa keesatii tasifamuuf haala heeraa fi seeraa mijessuudhaaf akka ta’e dubataniiru.

Bara 2011 hookorii Nato dhaan degeramuu uumamee yeroo dheeradhaaf biyyatii hoganaa kan tura Mo’aamar Gaadafii Aangoo iraa bu’an.

Ergaa yeroo sanaa asii mootumoon xixiqoon uumamanii wal waraanaa irga turanii booda ji’a Onkololesaa keesaa wali galtee dhukaasaa dhaabuutii if akkaataa hidhatoonii lammii biyya alaa warii bitamanii waraansa irratii hirmaachaa tura ji’a sadii keesatii libiyaa keesaa bahan iratii waligaltee ummaniiru.