Artiist Alii Birraa Boqote

FAAYILII - Suuraa Kitaaba Kitaaba Seenaa Alii Birraa Irraa fudhatame 

Weellisaan Oromoo kabajamaa Dr. Artist Alii Mohaammed Birraa addunyaa kanarraa du’aan boqotee jira.

Aliin ji’oottan darbaniif dhibee kaanserii Sombaa isa mudateef Adaamaa Hospitaala Adaamaa Jeneraalitti deddeebi’ee kan yaalamaa ture yoo ta’u, torban afran darbaniif garuu achuma hospitaalichumatti ciisee yaalamaa utuu jiruu Dilbata, Onkoloolessa 27, bara 2015 galgala sa’aatii tokko booda, Godina Shawaa bahaa, magaalaa Adaamaatti boqotee jira.

FAAYILII - Alii Birraa Jaartii Isaa Aaddee Liillii Birraa

Muummee Minitira mootumma itiyoophiyaa Abiy Ahmed Ali dabalatee angawootni fi dinqisiifattoonnisa gadda isaanitti dhagahame kan ibsaa jiran yoo ta’an, kaanis qaamaan bakka inni itti harra boqote jedhame Hospitaala Adaamaa jeneraalitti argamuun gadda isaanii ibsataa jiran.

Mootummaan naannoo Oromiyaa Karaa Biiroo koomunikeeshinii gadda itti dhagaa’amu ibsee, sirna Awwaala Artiist Alii birraa qindessuuf koreen Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaan hoogganamu hundaayee hojiirra jiraachuu ibsee jira. Fulbaana 29, bara 1950 Dirre Dhawaatti kan dhalate Alii Birraa nama ganna 72 ture.