Ba'iiwwan Filannoo Senegaal Kutaalee Irraa Gabaafaman Ammas Maakii Saal Moo'achuu Agarsiisan

  • VOA

Ba’iin filannoo Senegaal, ka kutaalee irraa gabaasaman akka agarsiisanitti, Maakii Saal ammas deebi’anii filamuun beekamee jira.

Koomishinni fialnnoo Senegaal, Mr. Saal, filannoo Dilbata dabre geggessame sana dhibba irraa harka shantamii saddeetiin kan injifatan yoo tahu, dormomtuun isaanii – muummichi-ministaraa duraanii – Idiris Seek immoo dhibba irraa harka digdamii tokko argatan.

Ba’iin filannoo kun yoo mana-murtii heeraatiin raggaasisame, dorgommii marsaa lammataa hin barbaachisiin, Saal injifatan jechuu dha.

Saal eega biyyattii hoogganuu jalqabanii booda, jijjiiramni dingdee cimaan waan biyyattii keessatti argameef marsaa lammataa kanas akka hin jifatamn eegamaa ture.