Balaan Doonii Boba'aa Naayijeriyaa Keessatti Dhaqqabe Lubbuu Galaafate

  • VOA

FAAYILII- Caccabaa doonii 'Trinity Spirit' jedhamtuu, Naajiyeriya, Guraandhala 4

Naayjeriyaa keessatti torban dabree Doniin boba’an keessatti kuufamuu fi oomishamu dhohiinsa isa mudateen yoo xiqqaate namnii 5 du’uun ibsamee jira. Hojjatonni Donichaa 4 immo eessa buteen isaanii dhabamuu kaampaniin Naayjeriyaa hojii sana gaggeessu Trinitii spiriit jedhamu har’a beeksisee jira.

Doniin kun Robii dabree balaan kun yeroo isa mudateetti hojjatonni irra turan 10 ta’u fi isaan kana keessaa 3 torban dabree lubbuun argamuu fi kannen biroon 3 Dilbata kaleessaa reeffii isaanii argamu kaampaaniichi hubachisee jira.

Hojjattonni kanneen biroon 4 eessa akka jiran fi nageenya isaanii hordofuun waan ilaalcha duraa itti kenninee hojjataa jirru jechuun kaampaaniin kun ibsee jira.

Yeroo balaan dhohinsaa kun dhaqqabeetti hojii Omiishuu irra akka hin turrees ibsamee jira.