Kaabuulitti Balaan Of-wareegdootaa Lubbuu Galaafatee Kaan Madeesse

  • VOA

Magaala galama mootummaa Afgaanistaan Kaabuul keessatti balaa of-wareegaan har’a geesiseen yoo xiqqaate namii 12 ajjefamuu fi kanneen biroon 30 madaa’uu ibsamee jira.

Humnootiin mootummaa garee loote seentootaTaalibaan irratti tarkaanfii fudhachuuf karoorii baafatan guyyaan tokko lafa hafeetti Hokkara lubbuu galaafate kun har’a dhaqqabe.

Balaa kanaaf gareen Islaamiik Isteete itti gaafatama fudhatee jira.