"Ituu Bishaan Argachuuf  Iyyannuu Ibsaa Iyyu Dhabne"

  • Jaallannee Gammadaa

Karra Yunvarsitii Amboo

Tajaajiila Bishaanii erga addaan citee guyyaa torba ta’e kan jedhan barattonni mooraa Awaaroo kan Yunivarsitii Amboo kaleessa Roobii Ebla 13 bara 2016 galgala immoo tajaajiila Ibsaa dhabnee dukkana keessa jirra jedhu.

Kanas kaleessa galgala ba’anii mormuu isaanii fi mooraa Awaaroo keessa duraanuu qubatee kan jiru polisiin federaalaa tarkaanfii hamnaa fudhateen Gaaza himiimaansu bakka ciisicha barattotaatti darbatee, barattonni ukkamaman akka hin bane ittisee, barattoota miilla qullaa dhagaa irra adeemsisee, jilbaan foqooqsisee, warra dhadhaban immoo akka hamaatti reebe jechuun himatu barattonni.

Saala addaan ituu hin baasin polisiin Federaalaa barattoota shammaran illee haala wal fakkaataan gocha gara jabinaa irraan ga’e jedhu kanneen Raadiyoon sagalee Amerikaa haasoofsiise. Angawoonni yunivarsitii Amboo akkasumas Kan mooraa Awaaroo walgahii irra jiruu ykn hojii hin seenne waan jedhameef ammaaf deebii isaanii argachuun hin danda’amne.

Your browser doesn’t support HTML5

Ituu Bishaan Argachuuf Iyyannuu Ibsaa Iyyu Dhabne.