Bilinken Ennaa Afriikaa Daawwatan Sudaanii fi Itiyoophiyaan Mata Duree Marii Geggeessanii Ture

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bilinken, kamisa kaleessa biyya lakkoobsi baa’ina uummata ishee hedduu ta’ee fi ardittii keessaa michuu Yunaayitid Isteetis ijoo taate Naayijeeriyaa seenanii jiran. Daawwannaan Blinken guyyoota shaniif Afriikaa daawwatan ennaa Itiyooophiyaa fi Sudan keessa haalli jiru hammaataa adeemetti jedha gabaasi Cindy Saine.

Roobii darbe guyyaa ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken Keeniyaa seenanitti, humnoonni naga eegumsaa hiriirtota mormii farra fonqolcha mootummaa Sudaan, Kaartuum fi magaalaa lakkuu issaa Omdurman keessatti dhukaasa bananiin yoo xiqqaate namoota 15 galaafataaniiru. Erga Onkoloolessa 25 waraanni aangoo mootummaa Sudaan qabatee as guyyaa hokkarri hamaan itti geggeessame.