Bu’ursaan Wiikii Liiks Amerikaatti Kennamuu Qaba: Mana Murtii 

  • VOA

Juliyaan Assaanjee, Landan, Amajjii 13, 2020

Manni murtii Briteen kan ol iyyannaa dhaggeeffattu Juliyaan Assaaje Yunaaytid Isteetesti dabarfamee akka kennamuuf karaa saaqee jira.Kunis murtii manni murtii gad aanuu dabarsee garagalchuun ta’uun beekamee jira.

Manni murtii gad aanuu bu’ursaa Wiikii Liiks kan ture Assaanyi, fayyaan sammuu isaati raafamaa fi caasaa haqaa kan Yunaaytid Isteets duratti dhiyaachuu hin danda’uu jechuun murteessee ture.

Amerikaan gama isheen Assaany sammuun isaa dhukkubsataa dha kan jedhame mormuun, seenaa sammuun isaa dhukkuubuu fi seera duratti dhiyaachuu isa dhorkuu hin qabu jettee jirti.

Murtiin har’a kennamee kana kuffisuuf jecha ol iyyannaan irratti dhiyaachuu mala jedhamee jira.