Bulchiinsii Aanaa Mi’oo Raayyaa Ittisaa Biyyaa Idddii-Lolaatti Misirroo Walirratti Fixan Jedhe Akka Seeratti Dhiyaatan Gaafachaa Jira

Hiriira Mormii Iddii-Lolaa Bara 2018

Your browser doesn’t support HTML5

Godina Booranaa Bulchiinsii Aanaa Mi'oo Waraana Mootummaa Iddiitti Misirroo Fixe Seeraan Gaafachuutti Jira

Godina Booranaa aanaa Mi’ootti Wiixata,Gurrandhalaa 11,2019 Raayyaan Ittisa Biyyaa Misirroo lamaanii fi waaheloota isaanii nama shan fixee jedhanii himachuutti jiran.

Obbo Soraa Galgaloo Hoogganaan Waajjira ODP Aanaa Mi’oo, koreen hundaayee ajajdoota waraanaa naannoo jiran waliin waldubbiirra jiraachuu isaanii VOA-tti himan.

Rasaasa Raayyaan Ittisa Biyyaa dhukaaseen lubbuun isaanii dabre jedhee ummataa fi bulchiinsii.

Dhukaasa kanaanis Kottoola jaldeessaa abbaan cidhaa fi michuun isaa Cuquliisa dabalatee namootni shan lubbuun darbeeraa kaleessa awwaalan.

Jara fixan kana afur iddoo tokkotti isa tokko ammoo iddoo biraatti ajjeesan. Raayyaan Ittisa Biyyaa “dhukaasan” jedha bulchiinsii garuu soba jedha.

Akak bulchiinsii jedhutti dubbii tana hajajootiiw waraanaa Mooyyalee dhufanii qorachuutti jiran.

Akka Obbo Soraatti angawoota aanaa keessaa koreen nama 30 hundaayee waan kana qorataa jiraa jedhu.