Buqqaatonni Kuma Shantama Tahan Gara Matakkalitti Deebi’an, Jedha Mootummaan

Faayilii - Benishaangul Gumuz keessaa namoota buqqa’an

Komishiniin hooggansa sodaa balaa fi qophaa’inaa Naannoo Benishaangu Gumuz, “Buqqaattonni kuma 50 ol gara godina Matakkalitti deebi’anii jiru,” jedhe.

Komishinarri Komishinichaa Obbo Taarraqany Taasisaa “Baqattoonni deebi’uun iaanii waan haalli nageenyaa fooyya’eefi,” jechuun Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himan.

Naannoo Benishaangul Gumuz keessatti, namootni kuma dhibba 3 kuma 60 ol sababaa adda addaan qehee ofii irraa buqqa’uun bakkawwan garaa garaa akka jiraatanillee, Komishinarichi ibsanii jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Buqqaatonni Kuma Shantama Tahan Gara Matakkalitti Deebi’an, Jedha Mootummaan