Daandiin Amerikaa fi Kaanaadaa Gidduu Banamee Jira

  • VOA

Shofeerota konkolaataa fe'umsaa mormiira turan, Antoriyoo, Kaanaadaa, Amajjii 29, 2022.

Polisiin Kaanaadaa Dilbata kaleessaa shofeeroota kokolaataa fe’umsaa kanneen ugguura dhukkuuba KOOVID-19 irra ka’amee mormuundaan daandii Amerikaa fi Kaanaadaa wal argasiisuu cufanii turan bansisee jira.Hiriirtoota mormii kana gaggeessan kanneen hafanis kan hidhee yoo ta’u daandii cufuun isaanii dinagdee biyyoota lameenii miidhe jedhu.

Polisiin Windsor akka jedheetti, naannoo Riqiicha biyyoota lameen wal agarsisuu kan gama Kaanaadaa keessatti namoonni kan hidhaman yoo ta’u Kokolaataan akka hin sossonee Dilbata kaleessaa fudhamanii ugguraman ni jiru.

Namoonni daldala qaban, hiriirtoota Kanaan, naannoo keenya gadhisaa deemaa jechuun gaafataa turan.

Shofeeronni talaalii farra dhukkuuba KOOVID-19 argachuun dirqama ta’u fi uggurri dabalataa ka’amuu kan morman yoo ta’u, kunis weerara vaayrasii omikroon akka gad bu’uuf ta’uun ibsamee jira.