Damee Embaasii Itoophiyaa Minisootaa Jiru Irraa Tajaajila Akkam Argachuutti Jirtan, Maanti Qajeeluu Male?

Ambaasaader Iwunetaa Billaattaa

Your browser doesn’t support HTML5

'Qonsilaan' Itoophiyaa MN jiru nama Afaan Oromootin nama keessummeessuu qabaachuu dhabuun 'komii guddaa kaase..akka nuuf qaxaan gaafanneera'

"Qonsilaa’ ykn damee embaasii Itoophiyaa Ministootaa hariyummaa Itoophiyaa fi Amerikaatti jabeeffachuuf magaalaa guddoo Minisootaa St. Paul keessatti banan.

Ministootaa ‘Oromiyaa diqqoo’ Oromoo kuma 40 caalaatti keessa jira. Somaaleelleen kuma kurnya hedduutti keessa qubata.Gaafa bananillee nama hedduutti itti gammade.

Akka ambaasaadder Iwunetuu Billaataa jedhetti qonsilaan kun hujuma embaasiin hojjatu hojjata: Viisaa baasa,nama Itoophiyaa biyya alaa jiru mirga lamummaa isaa guutuuf kaardi hadhoo ykn yellow card kennaaf,bakkuma bu’ummaallee hinkenna.

Hojjataa 13 qabaniin akka jecha ambaasaadder Iwunetuutti hujii hedduu hojjachuutti jiran.

'Qonsilaan' Itoophiyaa MN jiru tajaajila maan maan irraa argachuutti jirtan?

'Qonsilaa' kana ji'a 5n duratti hujii jalqan haga torbaan dabreetti Kaardii hadhoo ykn yellow card 100 olii fi visa 120 caalaa kenne.

Godina Amerikaa 12f tajaajila kennan. Kaardii hadhoo tana $200n namaa kennaniin ganna 5 shanitti haaressan.

Embaasiin kun nama afaan Oromooti fi afaan Somaaleetriin nama tajaajilu ammatti hin qabu. “kun komii guddaa kaasiseeraa qaama olaanaatti gaafannee eegachaa jirrra,” jedha ambaasaadder Iwunetuun.