Dammaqaa Mokonnin Ojii Muumee ministeeraa  Abiy Ahimad raawwatu jedhame

  • VOA

Itti aanaa isaanii fi ministeeraa dhimmaa alaa Itiyoophiyaa, Damaqaa Mekonnin (Suuraa faayilii)

Muumeen ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad Itti aanaa isaanii fi ministeeraa dhimmaa alaa biyyattii Damaqaa Mekonnin bakka buusaanii gara adda waraanaatti imaluu isaanii , dubbii himaan mootummaa Leggesee Tulluu madda oduu faana biroodkaastitti himuu isaanii Rooyiters gabaaseera.

Dr. Legesee Tulluu ibsaa kenna kana keessatii Obbo Damaqee Mokonnin ojii mootummaa idilee muummichaa ministeeraa bakka bu’uudhaan raawwatu.

Kanumaan walqabatee Prezidaantiin biyyatii Saahile worq Zewudee , ajaja muumeen ministeeraa dabarsan ojii irra olchuudhaaf haanga’ota mootummaa gidduuti tokkumaan akka jiru dubbachuu isaanii gabaasni Kenedii Abaate ibseera.