"Dararaa Mootummaa Itiyoophiyaatu Na Laamshesse"

  • Namoo Daandii

Tokkummaa Mootummootaatti, Koomishinara Ol’aanaa Mirga Dhala-namaaf dhaabate jalatti Koreen Farra-Dararaa Dhala-namaa walga’ii isaa marsaa 45ffaa --- Sadaasa tokkoo haga Sadaasa kudha-sagaliitti, magaalaa Jenevaatti geggeessaa jira. Itiyoophiyaan biyyoota walii-galtee farra dararaa ka sadarkaa Addunyaa kana mallatteessan keessaa tokko taahe iyyuu eega bara 1992 walii-galtee sana mallatteessitee as, yeroo duraatiif barana kan isheen gabaasaa haala biyya ishee keessaa dhiheessite.

Waldaa Deggersa Oromiyaa yokaan 'Oromia Support Group' ka jedhamu, Jaarmayaa Mirga Dhala-namaa London maadheffate bakka-bu'uun ka waga'ii sadarkaa Addunyaa sana irratti ibsa kennan Obbo Huseen Ahmed, "gabaasaan Mootummaan Itiyoophiyaa dhiheeffate biyya keenya keessa dhala-namaa dararuun gonkumaa hin jiru. Namni murtii seeraa malee hin hidhamu. Manni-hidhaa iccitiis tahe ajjeechaan hin jiru, ka jedhu. Garuu, haalli biyyattii keessa jiru faallaa dha. Sanaaf waan ana irra gahee fi haalli ani amma itti jiru ragaa dha," jedhu. Obbo Huseen akka isaan jedhanitti "qaamni isaanii dararaa yeroo dheeraaf humnoonni Mootummaa Itiyoophiyaa irratti geggeessaniin" laamsha'ee barcuma konkolaatu yokaan wiilcheeriin sosso'u. Bara 1991 irraa jalqabee haga bara 1999tti yeroo hedduun hidhame, gochaa suukanneessaa danuu tu na irratti raaw'atame, jedhu.

Dararaa na irrattii fi lammiwwan biyyattii ka biroo, keessumaa ilmaan Oromoo irratti raaw'atameef gaaffiilee walga'acha irratti itti dhihaataniif jilli Mootummaa Itiyoophiyaa otuu deebii quubsaa hin kenniin "yeroo biraa barreeffamaan dhiheessina" jechuun ba'ee deemu jechuun ibsan, Obbo Huseen Ahmed.

Jila walga'icha Tokkummaa Mootummootaa irratti gabaasaa Mootummaa Itiyoophiyaa dhiheesse kan hoogganan Gorsaa addaa, ka Ministara Dhimma-alaa, Obbo Fissahaa Yimar turn. Gareelee Mirga dhala-namaa fi ka Mootummaa hin ta’iin irraas hedduu walga'ichatti hirmaate.

Guutummaa qophii isaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.