Filannoo Naannoo Tigraayiif Qophiin Xumuramaa Jiraachuu Itti Aanaa Prezidaantiin Naannoo Sanaa Beeksisan

  • VOA

Naannoo Tigray keessatti filannoo geggeessamuuf jiruuf qopheen barbaachisu godhamaa jira jechuu dhaan itti aanaa prezidaantiin bulchiinsa naannoo Tigraay Dr. Debre Tsiyon G/Mikaa’el beeksisaniiru.

Dr.Debre Tsiyoon haala yeroo ilaalchisee sabaa himaa naanoof ibsa kennanii jiru. Akkuma kanaan seera filannoo baasuu, boordii filannoo hundeessuu, akkasumas hoogganoonni komiishinichaa muudamuu ibsanii jiru.

Hoogganoota komiishinichaa filachuuf uummati bal’inaan irratti hirmaateera jedhanii kunis filannoon bifa milkaa’een akka geggeessamu gargaara jedhan jechuun Mulugete Atsebeha Meqele irraa gabaaseera.