Horro Guduruu Wallaggaa Keessatti Namoonni Hidhaman Yeroo Dheeraaf Seeratti Akka Hin Dhihaatiin Komatu, Maatii Isaanii Keessaa  

Horro Guduruu Wallaggaa, Aanaa Amuruu Keessatti Namoonni Hidhaman Yeroo Dheeraaf Seeratti Akka Hin Dhihaatiin Komatu, Maatii Isaanii Keessaa  

Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Amuruu keessatti, riphxe loltoota deggertu jedhamuun shakkamani namootni hidhaman baatiiwwan sadiif mana murtiitti otuu hin dhiyaatiin jiru, jechuun maatii hidhamtootaa keessaa komatanii jiran.

Hoogganaa Itti-aanaan poolisii aanaa Amuruu Saajin Olaanaa Waltajjii Namoomsaa, “riphxe loltoota deggeruun namootni hidhaman haa jiraatan malee namootni 30 ol torban darbe keessa hiikamanii jiru,” jechuun dubbatan.

Dubartoota hidhamanii jiran sarbamni mirga namoomaa akka irratti raaw’atamaa jiru, ka maatiin hidhamtootaa komatan “Soba” jechuun haalan. Gabaasaa guutuu caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Horro Guduruu Wallaggaa, Aanaa Amuruu Keessatti Namoonni Hidhaman Yeroo Dheeraaf Seeratti Akka Hin Dhihaatiin Komatu, Maatii Isaanii Kees