Dhukkuba Busaa fi Dhiibbaa Dhiigaa Irratti Qorannaa Gaggeeffame

  • VOA

Dhaabbatii Fayyaa Addunyaa,WHO qorannaa geggeessu irratti gabaasa baasa

Waggootii darban kudhan keessatti dhukkuba Busaa dhabamsisuuf duulli wal irraa hin cinne kan gaggeeffame ta’uus uummanni miliiyoona 100 fi miliiyoona 84 ta’u amma iyyu Afrikaa keessatti naannoo dhukkuba Busaaf sodaachisaa ta’e keessa jiraata.

Lakkofsii kun guddaa ta’uus isa bara kuma lama keessa ture miliiyoona 200 fi miliyoona 20 irra foyya’aa dha jedha Qorannaan haaraa Gaggeeffame.

Gama kaaniin dhukkubi dhiibbaa dhiigaa rakkoo fayyaa kan biyyoota gama dhiyaa qofa ta’u bira taree hawaasa kamiin iyyu keessatti rakkoo geesisaa jira jedha Gabaasni haaraa ba’e.

Dhiibbaa dhiigaa ol ka’uu kan ilaaleen qorannaa haaraa gaggeeffame akka agarsiisuutti biyyoota maddi galii isaanii gad-aanaa fi giddu-galeessa ta’e keessatti iyyu dhiibbaan dhiigaa du’a dhaqqabsisuun toora isa jalqabaa qabataa jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa Guutuu Dhaggeffadhaa