Dilaalli Mootummaan Daldaltoota Irratti Dabale Seeraan Ala Miti: Biiroo Dhimmoota Komiinikeeshinii Oromiyaa

Itti gaafatamaa biiroo dhimmoota kominikeeshinii Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa Qixxeessaa

Dilaalli Ol Ka’uu Ilaalchisee Mormiin Jalqabe Itti Fufe: Jiraattota

Tilmaama galii guyyaa ilaalchisee dilaalli dabaluu irraan kan ka’e mormiin Oromiyaa magaalaalee adda addaa keessatti geggeessamaa jiru itti fufee jiraachuu jiraattonni nuu ibsanii jiru. Magaalaalee kan akka Dambi Dolloo, Gudar, Walisoo, Amboo, Holotaa fi Harargee Bahaa keessaas kana akka Gurawaa jiran keessatti mormiin gabaa lagachuu kan guyyaa jalqabaaf kaan immoo erga geggeessamuu qabee guyyaa lammataa qabatee jiraachuu jiraattoni kun dubbataa jiran.

Komee uummati dhiyeeffataa jiru ilaalchisee qaama mootummaa irraas deebii argannee jirra. Ka deebii nuu kennan Itti gaafatamaa biiroo dhimmoota kominikeeshinii Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa Qixxeessaa ti. Dilaalli dabalame galii guyyaa irratti hundaa’ee waan ta’eef akka uummata miidhutti hojjetaa hin jirru jedhan. Uummatichi garuu galii nuti guyyaatti argannu dacha hedduu caalee hojjechuu dadhabne.

Your browser doesn’t support HTML5

Dilaalli Ol Ka’uu Ilaalchisee Mormiin Jalqabe Itti Fufe: Jiraattota Dilaalli Mootummaan Daldaltoota Irratti Dabale Seeraan Ala Miti: Biiroo Dhimmoota KOmiinikeeshinii Oromiyaa

Your browser doesn’t support HTML5

Oromiyaa Magaalaalee Adda Addaa Keessatti Momiin Gabaa Lagachuu Harras Itti Fufeera