Dimookiraasin Yunaayitid Isteetis Haala Yaaddessaa Keessa Jira: Yaada Uummataa

  • Namoo Daandii

FAAYILII - Kanneen Waajira Mana-maree Yunaayitid Isteetis Kaapitool duratti walitti qabamanii fi jeequmsa uuman Amajjii 6, 2021.

Waa’ee deemsa dimookiraasii Amerikaa irratti qorannaa yaada uuummataa dhiheenya geggeessame irraa ba’iin argame akka agarsiisutti gaheessonni lammiwwan Ameerikaa irraa harka jaatamii jaha tahan dimookiraasiin haala yaaddessaa keessa jira, ka jedhan yoo tahu, kanneen dhibba irraa harka soddomii sadii tahan ammoo, dimookiraasiin biyyattii amansiisaa dha, jedhan.

SEE ALSO: Qorannaan Yaada Uummataa Yunaayitid Isteetis Dimookiraasiin Biyyattii Yaaddeessa Tahe, Jedha  

Amajjii 6 – jechuun Boor, waggaan tokkoffaan guyyaa deggertoonni prezidaantii duraanii, ka Doonaald Traamp, “Capitol Hill” yokaan waajira mana-maree Yunaayitid Isteetis humnaan cabsanii seenuun haleellaa geggeessan yeroo dhihaatetti qorannichi geggeessame. Ba’ii qorannaa kanaa ilaalchisuun, Namoon Kooleejii Koolinsi, ka kutaa Teksaas, magaalaa Daalaas jiru keessaa ka barsiisan – Proofesar Mohammed Xaahiroo dubbisee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Dimookiraasin Yunaayitid Isteetis Haala Yaaddessaa Keessa Jira: Yaada Uummataa