Diploomaatonni Sodaa Qaban Ibsanii Jiru 

  • VOA

FAAYILII - Loltoota Burkinaa Faasoo Sahal keessa Bitootessa 3, 2019.

Kutaalee Afrikaa gama dhiyaa fi kan Saahiil keessatti, gareleen lellistootaa babal’ataa deemuun, akkasumas rakkoon dinagdee fi hawaasummaa jabaachuun balaa hamaa kutaa sana irra darbee deemu fida sodaa jedhu kan qaban ta’u, diploomaatonni biyyoota gama dhiyaa ibsanii jiru.

Angawoonni Awuroopaa fi Amerikaa Kamiisa kaleessaa akeekkachiisa kennaniin, dargaggonni meeshaalee waraanaa qabachuun biyyoota kutaalee Sanaa kanneen biroo waliin walta’iinsa akka jabaatuuf waamichii dhiyeessa dabalaa adeemuu sana hambisuuf yaalii addunyaan goote hanaga ammaatti milkaa’iina dhabee jira.

Leellistummaan hokkaraan gaggeeffamu dabalaa adeemuun akkasumas, kutaa saahilii fi Afrikaa dhiyaa keessa rakkoon gargaarsa dhala namaa jiru, hegeree ardii Afrikaa fi hunda keenyaa irratti sodaa uumuueera jedhan, Yunaaytid Isteetesti Ambaasaaddarri gamtaa Awuroopaatti Staarvoos Lambrinidis walgahii gama marsariitiin gaggeeffame irratti.Kun rakkoo guddaa ta’uuf dhimmi deemu jedha.

Angawoonni Amerikaa immo dhimmi kun waan akkaan jabaa fi deebii hatattamaa barbaadu jedhan.