Shakkamtoonni Jeeqama Dirree Dhawaa Kakaasan Jedhaman Mana Murtiitti Dhiyaatan

Mana Murtii Dirree Dhawaa

Poolisiin Dirree Dhawaa shakkamtoota torban tokko dura jeeqamaa fi mormii uumamee ture kakaasan, qabeenyaa mancaasan ittiin jedhee to’annaa jala oolche shakkamtoonni 155 har’a mana murtiitti dhiyaataniiru.

Shakkamtoonni kun buufata poolisii yeroof keessa turan ykn mana sirreessaa ta’uun mooraa hin beekamne keessatti hidhamuun isaanii mormii kaasisee jira.

Manni murtii bulchiinsa Dirree Dhawaa ka sadarkaa duraa ijoollee umuriin isaanii 13 fi 14 ta’an sadii fi shakkamaa akkaan dhukkubsate wabii dhaan gad dhiisee kanneen hafan Guraandhala 4 fi 5 akka dhiyaatan beellama keennee jira jechuu dhaan Addis Chekkol gabaaseera.