Dorgommii Ispoortii Hawaasa Oromoo Amerikaa Kaabaa,OSFNA 20essoo Adoolessa 30 Minisootaatti Jalqaban

OSFNA bara 2015 MN magaalaa St.Paul keessatti taphatan keessaa haga tokko

Your browser doesn’t support HTML5

Dorgommii OSFNA baranaa Adoolessa 30 MN keessatti jalqaban

OSFNA, (Oromo Soccer Federation of North America)maqaa ispoortii hawaasa Oromoo Amerikaa Kaabaati.Eegii jalqabanii ganna kurnya lamaa keessa jiran,ganna 20essoo barana uleeffachuuf deema.

Akka dura taa’aan OSFNA,Usuu Ejeroo jedhutti dorgommii baranaa istaadiyoomii mana barumsa sadarkaa lammeessoo Jemsi Girifin keessatti taphatan.

Kilaboota 28 garee lamatti wal qoodee tapahta.Adoolessa 30-Hagayya 6, 2016 akkuma duruu tolchanii fi bulchiinsii Minisootaalleen murteessee Oromo Week, Torbaan Oromooti.

Qophii hawaasii Oromootii gama gamaa dhufu qophii bashannanaa, ispoortii,marii hawaasaa,marii siyaasaa fi waan akka akkaa irratti mari’atan.

Dorgommii itti qophaahuutti jiran keessaa fiigicha maqaa atileeti Abbebee Biqilaatiin dorgoman,kubbaa miilaa dhiiraa fi dubraan,kubbaa miilaa ijoollee didiqqoo fi kubbaa harkaa

Artistoota qophii bashannanaa baranaatiif yaaman keessaa tokko Hacaaluu Hundeessaa,Muktaar Suleeyamnii fi Adnaan Mohaammad fa.