Dorgommii farda Amerikaa,Kentucky Derby jedhan Animal Kingdomitti moohate.

Fiigicha fardaa ta gannatti marroo tokko wal dorgoman ta marroo 137-essoo tana John Velazquezitti farda isaa Animal Kingdom-n eegee dhufee moohate.

Gama kaaniin ammo atileetiin Itoophiyaa Yenewu Alaamirroo dorgomii fiigicha meetirii 3000 Dohatti dorgoman daqiiqaa 7:27:06 moohatee nama addunyaan ariifatee fiiguun beettu torbeessoo tahee beekame.

Dorgommii fiigihcaa meetira 200 Diamond League jedhan ta Doohaatti dorgoman irratti Walter Dixitti secondii 20:06 moohate.

Qophii Ispoortii tana MP3 irraa nuu caqasaa