Dorgommiin Ispoortii Oromoo ta baranaa Adollessa 16-23, MN,jalqabdi

OSFNA,dorgommiin Fedireeshiinii Kubbaa Miilaa Oromoo Amerikaa gama Kaabaa,nama Oromoo marii,taphaa koblaa fi waan akka akkaatii walti fiduu.

Marii fi dorgommiin akkanaa tun gannuma gannatti taati.Dorgommiin kubbaa Oromoo ta baranaa ta gareen 20 irratti waldogomanilleen tanumaaf qophaahuutti jirti.Alii Ahmed Alii,itti gaafatamaa gaafatamaa OSFNAti.

“Wannii nu jechuutt jirruu fi hojjachuutti jirru waan haaraa agarsiisuu,tanaafuu akka namii keenna, maanguddoon,dargaggoon dhufanii nu waliin gammadan, nurraa baratanii fi nu barsiisan tolchuu.”

Qophii baranaa irratti akka itti gaafatamaa kanaatti akka leenjistootii manneen barumsaa fi koollejii USA dorgommii kubbaa Oromoo daawwatanii nama akka dansaa taphatu jajjabeessaa milkii barumsaa kennuuf dabalee waan hedduun itti jiran jedha itti gaafatamaan OSFNA.

Oduu fi qophii OSFNA www.OSFNA.ORG ykn www.OSFNA.COM irraa argachuu hin dandeettan.

Mee nu tana irratti qopheessine ammoo MP3 tana irraa caqasaa.