Dubartoonni Dapichii Barumsaatti Deebi'an

  • VOA

Magaalaa Naayijeeriyaa, Dapchii keessatti warroonni ijoollee durbaa mana-barnootaatti erguu ammallee sodaataa jiran.

Guraandhala 19 dabre kana gareen fiinxaaleyyii amantii Islaamaa – Boko Haraam, barattoota 109 butee fudhatee, baatii tokkoo booda immoo, tokko malee kaan hunda deebisee galche.

Ijoolleen sun deebisamuutti gammadan iyyuu, sanaa booda ijoollee durbaa deebisanii mana barnootaatti erguu irratti yaaddoo qaban.

Baatii sadii booda, Wixata – gaafa Caamsaa toorbaa, yeroo jalqabaatiif, barattoonni mooraa mana barnootaa isaanii keessatti walitti-dhufanii faaruu alaabaa waliin faarsan.

Mootummaan kutaa Yoobee, kan kutaa sana keessa jiru manni-barnootaa Daapchii Ebla soddomaa jalqabee akka banamu kan ehame tahus, toban tokkoo booda – barattoota 900 keessaa kan gara barnootaatti deebi’a 200 qofa – jedhama.