Caama Harargee Dhiyaa Mudate

  • Jaallannee Gammadaa

Sababaa El-Ninoon kan ka’e Itiyoophiyaa keessatti caaamnii mudachuu isaa aangawoonni dubbachaa jiru. Ministriin dantaa alaa Itiyoophiyaa Doktoor Tewoodros Adhaanoom raadiyoo sagalee Amerikaaf akka ibsantti caama dhaqqabe Kanaan lubbuun namaa darbe hin jiru jedhanii turan.

Garuu jiraattonni godina Harargee Bahaa aanaa Ciroo akka jedhantti hanqina nyaata hongee irraa maddeen da’imman du’an hangi tokko jiru jedhu. Angawoota godinichaa irraa deebii walii gala argachuuf yaaliin goone garuu hin milkoofne. Hospitaalli Galamsoos aanaalee naanoo isaa irraa namni du’e hin jiru jedha.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii caama Harargee dhiyaa ilaalchisuun geggeessame dhaga'aa