Itoophiyaan Dorgommii‘CECAFA’tii Nama 21 Fudhattee Ugaandaattiin Dabarte

CECAFA,dorgommii waldaan biyya Afrikaa gama Jidduutii fi Gama Gaafaa baruma baraan qopheessee waldorgomsiisu.

Dorgommii tana bara 1927 keessa jalqabanii haga guddaan Ugaandaatti akkana moohataa, Itoophiyaan marroo afur moohatte.

Barana biyya 12tti Sadaasaa, 24-Muddee 8 waldorgoma.Taphattoota Itoophiyaa garee 21 qabdu Ugaandaa yaahan tana leenjisaa Siyyum Kebbedeetti fuudhatee achiin dabre.
Obboo Mokkonin Kuruu,Federeshiinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaatti damee tekinikaa keessa hojjata.

Akka obboo Mokonninitti Itoophiyaan taphattoota Waancaa Afrikaatii fi Afrikaa Kibbaatti taphatanii dabalee nama hedduu dabalattee tapha kanaa qophii jirti.Qophiin guyyaa 15 qofatii gahuu baattullee Itoophiyaan waancaa fudhachuuf dorgommii tanatti seenti jedha.

Warra dorgommii tanaa alaa dhufe keessaa tokko Fiqiruu Teferraa,nama Awurooppaa fi biyya Afrikaa keessallee taphatee beeku,kaan ammoo Yuusuf Saalaatii innilleen nama biyya gara garaatii taphate.

Gama kaaniin ammoo biyyitii hedduun dorgommii CECAFA tanaa yaahan taphattoota isaanii dhiba EBOLA jedhan ka Ugaandaatti nama hedduu fixe irraa eegachuuf akimsiisan.
Warra dorgommii dhaquun milkaahaa nagaan dhaqaa nagaan galaa jenna.Mee qophii Ispoortii teennaa nuu caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Mee tana ammoo caqasaa