Muummichi Ministeeraa Itiyoopiyaa kaabineewwan haaraa moggaasan

Lakkoobsi Namoota Taayitaa muummicha Ministeerummaaf Filatamanii tokkoo ol ta'uun Faallaa Heera Itiyoopiyaa ta'uu Mala Jedhu Lammiiwwan Hagi tokko
Erga muummicha ministeeraa ta’uun muudamanii qabee yeroo jalqabaaf maqaa kaabineewwan isaanii kan dhiyeessan obbo Hayile Mariam Dassaaleny angwoota itti dabalaa lamaaf taayitaa iti aanaa muummicha ministeeraa kennanii jiran.

Ministeericha ministrii eegumsa fayyaa Dr. Tewdors Adahaanoom-n immoo ministeera dhimma alaa gochuun muudaniiru.

Muudamni har’aa iddoon duwwaan kabinee keessaa kan ittiin guutame ykn bakka jijjiiruu qofaa hin turre. Hedduun isaanii kan eegan, paartii dhumti biyya bulchu ibsaa kan ture irraa faallaa kan ta’e taayitaa haaraan kan itti kennameef aangoo gooddannaan kan itti geggeessame ture.

Bara 1987 erga sirni paarlaamaa hojii irra oolee qabee namoonni taayitaa itti aanaa ministeerummaa qaban namoonni itti dabalaa yeroo muudaman isa duraa ta’uu isaa ti.

Muudamni kun ba’ii qorannaa mana marii ministeerotaa keessatti irratti mari’atamaa tureeti kan jedhan muummichi ministeeraa HileMariam Dassaaleny muummeewwan ministeerotaa lamaan ga’ee hojii isaanii ibsanii jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu dhaggeeffahdaa