Faca’inni Vaayiresii Omikroon Hammaataa Adeeme

  • VOA

Taayilaan keessatti namoota talaallii fudhachaa jiran, Sadaasa 17, 2021

Jarmayaan fayyaa addunyaa magaalaa Chaayinaa Wuuhaan irraa ka’uu dhaan dhibeen Nimooniyaa fakkaatu ka’ee jechuun akeekkachiisee gara weerara COVID -19tti erga jijjiiramee waggaa lama booda, addunyaan weerara vaayiresii Omikroon kan akkaan daddarbuun rakkataa jira.

Birazil keessatti vaayiresiin koronaa haaraan kan Omikroon jedhamu angawoonnii, festivaala biyyattii beekamaa waggaa lammataa walitti aanuuf hambisuuf dirqisiise.

Kantiibaan magaalaa Riyoo Eduwaardoo pases kana kan labsan kibxata darbe haasaa dhageessianiin ture. Feesitivaalicha walaba waan geggeessamuuf faca’ina vaayiresichaa to’achuun hin danda’amu jedhan.

Hogganaa ol aanaa Hong Kong kan ta’an Keerii Laam har’a ibsa kennaniin balaliin gara biyyattiitti geessamu weerara COVID-19 shanaffaa sababaa vaayiresii Omikrooniin dhaqqabe irraan kan ka’e balaliin torban lamaaf addaan cituu beeksisan.

Biyyoonni itti aansuun balaliin biyya isaanii akka hin seenne ugguran Austiraaliyaa, Biriteen, Kanadaa, Ferensaay, Hindii, Paakistaan, Filippinsii fi Yunaayitid Isteetis keessatti dilabataa qabee hojii irra oola.