Falli Tokko Dhibnaan Dhala Keenyatti Garaa Jabaanne

  • Jaallannee Gammadaa

Dhuma baatii Ebla darbee Doonii Yemen irraa kaatee buufata Donii Barbaraa kan Somaaliilaand dhaqqabde irraa kanneen qabaman da’iimman sagal harka mootummaa jiraachu isaanii fi namoonni isaan waliin turan lama qabamuu polisiin Barbaraa ibsee jira.

Ijoollee Afaan Oromoo dubbatan kun hatamanii ta'u, shakki jedhu qabu polisiin barbaraa fi bulchiinsi kutaa saahil. Garuu, maatiin ijoollee kanaa Yemen irraa Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsaniitti, jireenyi baqatummaa kan Yemen keessaa daran hamtuu ta’aa waan dhufeef ofii dhumnus ijoollee keenya lubbun oolchuuf jecha, karaa namoota lameen qabamanii sana gara maatii Oromiyaa keessaa qabanuutti nu geessa jennee galfata itti kennanne jedhu.

Maatiin lama ijoollee lama lama kan kennatan yoo ta’u, maatiin shan immoo ijoollee qaban tokkittii sana ergan. Umriin isaaniis waggaa tokkoo fi baatii afurii qabee hanga waggaa shanii fi walkkaa ta’uu warri ijoollee kanaa ibsanii jiru.

Waajiira sadarkaa addunyaa kan godaantootaa ykn IOM damee Keniyaa irraa Simoonaa Optz akka jedhanitti, waajirri isaanii fi jaarmayoonni adda addaa michummaan isaan waliin hojjatan waa’ee ijoollee kanaa kan beekan yoo ta’u akka haalli kun uumametti gargaarsa hatattamaa barbaachisu kennuu isaanii ibsanii jiru.

Aangawonni Somaaliilaand haala kana qorataa akka jiran ibsanii murtii dhumaa isaan tu kenna waan ta’eef, eegaa jirra, jedhu. Kana malees Aangawoonni Somaaliilaand gargaarsa ijoollee kanaaf kan oolu maallaqa argachuuf iyyata dhiheessu isaanii ibsan.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa