Filannoon Zaambiyaa Geggeessamu Keessatti Hoogganaan Garee Mormituu Beekamaan Dorgomaa Jiran

  • VOA

Filannoo Zaambiyaa kan prezidaant Edgar Linguu deebisanii filatamuuf fehdaa jiranitti Zaambiyaan Afriikaa keessaa biyya dimokraasii sabatiinsa qabdu ta’uun ishee qoratamaa jira.

Kaadhimamaa beekamaa garee mormituu Haka’iindee HIchilemaa dorgommii cimaatu isaan eeggata. Xiinxaltoonni akka jedhanitti filannoon prezidaantummaa biyyattii kibba Afriikaa kun rakkoo siyaasaa kakaasuu danda’a.

Mormitoonni Linguu, waaltaalee sabaa himaa hanga tokko cufuu, namoota siyaasaa mormitootaa hedhuu fi qeeqxota irratti fuuleffachuu dhaan sirna dimokraasii murtessan jedhu.

Human Rights watch baatii Waxabajjii keessa akka gabaasetti bulchiinsi Linguu biyya sibiila diimaa oomishuun beekamtu gara rakkoo mirga namoomaatti geessaa jirti jedhee jira.