Filannoon Prezidaantummaa Ripublikii Dimookiraatawa Koongoo Muddee Dhufu Geggeeffama

  • VOA

Prezidaantiin Ripublikii Dimookiraatawa Koongoo – Jooseef Kabiilaa, Mudde 23 dhufu kana filannoon prezidaantummaa ka biyyattii keessatti geggeessamu tahuu dubbatan.

Har’a Televiziyoona biyyattiin ibsa kennan keessatti, filannoon geggeessamuuf deemu sun kan guutummaatti heera biyyattii irratti hundaa’u tahuu dubbatan. Garuu, karoora siyaasaa ofii qaban waan dubbatan hin jiru.

Heerri biyyattii, prezidaantiin tokko marsaa lama caalaa fialtamuu akka hin dandeenye kan lafa kaayee jiru waan taheef, prezidaantichi filannoo ammaa keessa galuu hin danda’u – jedhu – miseensota mana-maree biyyattii keessaa tokko.

Bulchiinsi prezidaantummaa Kabilaa silaa ka xumuramuu male bara 2016 tahe iyyuu, sababaa hookkara biyyattii keessaaf, filannoon sun si’a lama dabarsame.