Dimokraasiin Ameerikaa Laaffataa Adeeme: Freedom House

  • VOA

Dimokraasiin Yunaayitid Iseetis keessaa erga waggoota dhiyoo as akkaan dadhabaa adeemuu, kanaafis prezidaantiin biyyattii Doonaald Traamp ol aantummaa seeraa irratti dhiibbaa kaa’uu isaan itti fufuunsaan geggeessaa jiran, gaazixeessummaa dhugaa irratti hundaa’e balaaleffachuu isaanii fi qajeelfamootaa fi ulaagaalee dimokraasii irra daddarbuu isaaniitu komatama jechuu dhaan Freedom House beeksisee jira.

Yunaayitid Isteetis keessa kan maadheffate gareen kan mootummaa hin ta’in kun dimokraasii ilaalchisee gabaasa isaa waggaan akeekkachiisa kenneen biyyoota dimokraasiin isaanii yeroo keessa abbootii irreen dhuunfatame waliin wal fakkaata jedhee jira.

Gareen kun sadarkaan walabummaa Ameerikaa akka agarsiistutti biyyattiin amma iyyuu ulaagaa sadarkaa addunyaatti wayyawaa dha jedha. Garuu dimokraasiin ishee akkaan dahabaa adeeme. Haalli Yunaayitid Isteetis yeroo ammaa dimokraasii Ameerikaa sadarkaa GrIkii, Krooshiyaa fi Mongolia-faa irra kaa’e. Kaannen dimokraasii gaarii qaban kan akka Germany, Ferensaay fi Briteen faatiin gad jechuu dha.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu caqasaa