Ministaroonni Biyyoota G- 7 Loltoonni Ertiraa Hatattamaan Tigiraay Keessaa Akka Bahan Gaafatan    

  • VOA

Ministaroonni biyyoota addunyaa “G-7” jedhamanii, loltoonni Ertiraa hatattamaan, haal-duree tokko malee, akkaataa mirkaneessumaa danda’uun akka Itiyoophiyaa gama Kaabaa, naannoo Tigiraay keessaa bahan gaafatan.

Your browser doesn’t support HTML5

Ministaroonni Biyyoota G- 7 Loltoonni Ertiraa Hatattamaan Tigiraay Keessaa Akka Bahan Gaafatan

Ministeeronni biyyoota dinagdeen badhaadhan kan addunyaabwal ga’ii waggaaf Berliin keessatti jimaata har’aa wal ga’uu dhaan muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa Dr. Abiy Ahimed loltoonni Eertraa hatattamaan Tigraay keessaa ni ba’u jechuun labsuu isaaniitti aansee ibsa baasanii jiran.

Ministeroonni G-7, qaamotiin martinuu akkaan akka of qusatan, siivilotaaf eegumsi godhamuu akka mirkaneeffataniif mirgi namaa fi seerri sadarkaa addunyaa akka kabajamu yaadachiisaniiru.

Ministeroonni Briteen, Kanadaa, Ferensaay, Jarmanii, Xaaliyaanii, Jaappaanii fi Yunaayitid Isteetis, bakka buutonni sadarkaa ol aanaa kan gamtaa Awrooppaa hookkarri dhaabatee mara biratti fudhatama kan qabu adeemsi siyaasaa ifaa fi hunda hirmaachise Tigraayiin dabalatee lammiiwwan Itiyoopiyaa mara biratti fudhatama kan qabu akka uumamu waamicha dabarsaniiru.