Gaafa Biyya Ofii Dhiisanii Ba'an Carraa Nama Mudatu Maaltu Beeka?

  • Jaallannee Gammadaa

Yeroo jalqabaaf biyyaa ba'ee warra isaa waliin gara Jarmanii yeroo deeme da'iima waggaa Afurii ture. San booda warruma isaa wajjiin gara biyyaatti deebi'ee, wal waraansa biyya keessatti uumameen immoo ammas bara 1979 ennaa warri isaa dhessanii bahan, umurii isaa waggaa kudhaniitti yeroo lammataaf gara Jarmaniitti deebi'e.

Yaareed Tarfaa Dibaabaa jedhama.Yaareed Jarmanii eega seenee booda Oguuma gosa adda addaa barate. Dura ooguuma bittaa fi gurgurtaa bunaa, itti fufee mana barnootaa diraamaa seenuun taatummaa baratee fiilmii keessatti taatoo qooda gaggabaabaa tahee hojjete, wellisaa fi kanneen faffakaatanis hojjetaa ture. Yeroo ammaa Televiziyoona biyya Jarmanii NDR jedhamu keessatti sagantaa dhiyeessu qaba. San dura Raadiyoo biyyattiif hojjachu isaa kan ibsu Yaareed Kitaaboota lamas barreessee jira.

Dhiyeenya kanas Televiziyoona biyya Jarmanii tokko irratti nyaata oromoo beeksisuuf carraa argateera.Yaareed eessaa ka'ee eessa ga'e? MP3 tuquun dhaggefadhaa