Gaaffii fi Deebii Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis VOA Waliin Taasisan 

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Wal-muddinsa Awurooppaa gama Bahaa keessaa fi carraaqqii dippiloomaasii taasisamaa jiru dhimma ilaallateef kan gara Yukireenitti imalanii turan ministarri dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antoonii Bilinken, “Raashiyaan gara walitti-bu’insaatti seenuu irra karaa dippiloomaasii fil

Wal-muddinsa Awurooppaa gama Bahaa keessaa fi carraaqqii dippiloomaasii taasisamaa jiru dhimma ilaallateef kan gara Yukireenitti imalanii turan ministarri dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antoonii Bilinken, “Raashiyaan gara walitti-bu’insaatti seenuu irra karaa dippiloomaasii filatti,” abdii jedhu akka qaban kaleessa magaalaa galma-mootummaa Yukireen, Kiyeev keessatti, Itti-gaafatamtuu Biiroo VOA, kan Awuroopphaa Bahaa, Mirooslaav Gongaadiizee waliin gaaffii fi deebii deemsisaniin ibsan.

“Ifatti, karaan irra wayyaawaan, karuma kana,” jedhan, Bilinken.

Raashiyaan booruma kaatee Yukireeniin yoo weerarte Yunaayitid Isteetis maal gochuu akka dandeessu, gaaffii Mirooslaav gaafatteef ennaa deebisan, “harka tokkotti haasaa fi dippiloomaasii harka biraatti walitti-bu’insaa fi daafoo isaa” Raashiyaadhaaf filannoo ifa tahe dhiheessuu isaanii eeranii, Raashiyaa waliin yeroo ammaa karaa NATO fi karaa dhaabbata Tumsa Tasgabi fi Naga-eegumsaa Awurooppaa yokaan OSCA aa mariiwwan dippiloomaaasii ciccimoon ka geggeessamaa jiran tahuu dubbtan.

“Raashiyaan weerara Yukireen irratti geggeessite kan haaressitu yoo tahe garuu, nu, Yunaayitid Isteetis qofa otuu hin taane, biyyoonni baay’een guutummaa Afrikaa keessa jiran, sanaa ala illee kanneen jiran, humna jabaan deebii kennina,” jedhan - Bilinken. Guutumama gaaffii deebii isaanii Liinkii kanatti aanee jiru banachuun caqasaa.