Gaazexessoonni hidhaman akka hiikaman gaafatame

  • VOA

Gaazexeessota to'annaa jala jiran keessaa, Gaazexeessaa Amiin Kiyaroo fi Gaazexeessaa Tamiraat Nagaraa (Suuraa: CPJ)

Prezidaantiin garee preesii biyyaalessaa ( National Prees club) Jeen Juudison fi prezidaantiin rakaa gaazexessumaa garee preesii biyyooleessaa (Natinal press club journalism Institute) Giil Keliin washingtoon DC irraa ibsaa waloodhaan baasaniin, Mootummaa Itiyoophiyaa Gaazexessoota hidhee jiru Amiin Kiyaroo fi waa’ila isaa Toomaas Ingidaa , akkasumas Gaazexeessaa Tamiraat Nagaraa akka hiiku gaafataniiru.

Gazexessonni kun ituu himannaan irratti hin dhihaatin hidhamanii turuun isaanii haqa qabeesaa akka hin taanee kan hime ibsii kun , dhimmaa walitti bu’iinsa biyyatti keessa jiruu irratti kan dhaabbataa Oduu Asoosheetid Preesiif gabaasaa ture Amin kiyaroo fi waa’illi isaa ergaa hidhamanii guyaa 100 ol ta’uu isaa eerera.

Seeraa labsii yeroo atattamaa cabsuudhaan miseensota Waraanna Bilisummaa Oromoo isaa mootumman Itiyoopiyaa Shanee jedhu haasofsiisuu isaatiin kan hidhame Amin kiyaroo akka yakka hin raawwane kan himee ibsii kun, gaazexessoonni waan hojii isaanii ojjataniif akka adabamuu hin qabnee hubachiiseera.