Hojii Irra Kan Turan Gaazixeessota Ugaandaa Haleellaan Irratti Raawwatame 

  • VOA

Faayilii Gaazexeessaa Paul Murungi hojiirra odoo jiru humnoota mootummaatin rukkutame, Kigaalii, Ugaandaa

Ugaandaa keessa gaazixeessonni enaa hojii isaanii hojjetan haleellaan irratti raawwatamuu gabaasan. Gaazixeessonni lama akka jedhanitti humni ibsaa baduu ilaalchisee hiriira mormii geggeessame gabaasuuf utuu yaalanii reebichi irratti raawwatamuu dubbatan.

Hedduun immoo ennaa filannoo baatii Amajjii keessaa reebichi irratti raawwatame jechuun Haliimaa thumaanii Kampaalaa irraa gabaasteetti.

Ebla 28 mormii magaalaa walakkeeessa Ugaandaa Kayuungaa keessatti ka’ee jira.

Gaazixeessaa kan akka Amon Kayaanjaa buufata televiziyoonaa naannoof gabaasuuf gara hiirichaatti ergaman. Kaameeraa isaa baafatee hiriirtotatti dubbachuu ennaa jalqabetti poolisiin bobba’ee kyanjaa fi gaazixeessituu ka biroon Teddy Nakaligaa haleellaan irratti raawwatame.

Waaltaan presii addunyaa akka jedhetti Kayanjaa fi Nakaliigaan gaazixeessota 100 ol kanneen Ugaandaa keessaa hojii irra jiranii reebaman keesaa ti. Gaazixeessota lamaaniin akka gabaasametti haleellaan dhiyeenyaa hoogganoonni raayyaa ittisa uummata Ugaandaa sabaa himaa waliin hariiroo jiru fooyyessuuf dorgommii kubbaa miillaa qopheessanii torban lama booda.