Gamtaan Afrikaa Walgahii Isaa Irratti waa’ee Mirga Namoomaa fi Haqaa Irratti Qiyyaafachu Qaba: HRW 

  • VOA

FAAYILII - Asxaa Gamtaa Afrikaa dallaa waajjiraa muummee Finfinnee irraa, Sadaasa 8, 2021

Hoggantummaa gamtaa Afrikaa qabachuuf kan jiran prezidaantiin Senegaal Maakii Saal sivilootaaf eegumsa gochuu, kabajamuu mirga namoomaa, murtii haqaa fi itti gaafatamummaa kabajsisuun ajandaa gamtaan Afrikaa irratti qiyyaafachuu qabu jechuun gareen mirga dhala namaaf falmuu Hiyumaan Raayits Waach gabaasee jira.

Walgahiin gamtaa Afrikaa Guraandhala 5 fi 6 bara 2022 kan gaggeeffamu yoo ta’u Maakii Saal Ardiin Afrikaa rakkoo nageenyaa fi waa’ee Fayyaa, kan siyaasaa fi jeeqmanii hawaasaa ennaa hammaateetti gara aangootti dhufan jedhan garee Hiyumaan Raayits waach ti Daayreekteerri afrikaa Kariin Nantulya.

Rakkoon jiraatu illee prezidaantii Senegaal hoggantummaa gamtaa Afrikaa fi qajeelfa irratti bu’urfamee kabajsisuu waadaa seenteef cicha qabdu agarsisuu qabu jedhan.Kunis mootummoota dararaa geesisan irratti tarkaanfii qabatamaa fudhachuu, gaaffii namoota midhamaniif deebii kennuu akkasumas hariiroon wal qixxee fi madaalawaa ta’een gaggeeffamuun addunyaa gama kaabaa keessa akka jiraatu taasisuu dha.

Hogganonni biyyoota Afrikaa kanneen Finfinnee keessatti wal ga’an wal waraansa mootummaa Itiyoophiyaa fi wal taatoota isaa Ertraa dabalatee fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(TPLF) giddutti ta’een dararaa hedduu dhaqqabef ilaalcha duraa kennuu akka qaban, gaafatamee jira.