'Gargaarsa Misoomaa Kennuuf Waadaan Seenamee Hojii irra Oolu Qaba'

  • Jaallannee Gammadaa


Mummichi-ministeera Itiyoophiyaa Mallas Zenaawii kora waggaa walii-gala kan Tokkummaa Mootummootaaf haasawaa dhageessisaniin, karoora miliniyeemii haga bara 2015nii keessaa ka waggaa shanii lafa kaa'ame irratti waadaan gargaarsaaf seenamee eegame milka’iina fida, jennee dubbachuuf haalli isaa ifaa miti, jedhan.

Muummicha Ministeera Itiyoophiyaa

Afrikaa keessatti guddinni argame wal qixxee ta’uu baatuus, rakkoon dinagdee adunyaa mudatee fi haalli qillensa naannoo iddoodhaa iddotti jijjiramuun dhiibbaa gessisuu isaa obbo Mallas Ibsanii jiran. Karoora miliniyeemii lafa ka’ame bakkaan ga’uuf, Itriyoophiyaan waggoota darban 7 keessatti guddiina dinagdee 100 keessaa 11.6 argamsiisuu ka dubbatan Obbo Mallas, guddiina argame kana irratti hirkannee karoora waggaa shanii lafa ka’anne, jedhu.

"Kanas hojii irra oolchuuf gargaarsi alaa barbaachisaa dha,jennee iyyannus, haga humni keenya danda’e carraaquuf cicha qabna" jedhanii jiruu Obbo Mallas Zenawii.