Kanneen Badii Dalagan Ni Adabamu Warri Kaan Ni Gadhiifamu

  • Jaallannee Gammadaa

Getaachoo Raddaa ,Ministeerri Waajiira Komunikeeshinii

Maastar plaanii magaalaa Finfinnee bu’aa keenya xuqa sirna bulchiinsi Fedreaalaa irratti balaa fida jechuun karaa nagaa kanneen mormii dhageesisuu isaanii qofaan kanneen hidhaman yoo jiraatan kan gadhiifaman ta’uu ministeerri waajiira komunikeeshinii mootummaa Ityiyoophiyaa Obbo Getaachoo Raddaa beeksiisanii jiru. Garuu maaster plaaniin qabatanii kanneen lubbuu namaa galaafatan gama mootummaa irraa iyyuu yoo ta’e tarkaanfiin kan irratti fudhatamu ta’uu dubbataniiru.

Waraanni ittisaa kan mootummaa guutummaa biyyatti keessaa moraa akka qabuu fi yeroo rakkoon humna polisii bulchiinsa naannoon ol ta’e qunnamuutti hojii tasgabii eegsisuu gaggeessa jedhanii biyya alaa keessaa Oromiyaa gadhisee haa ba’u gaaffiin jedhu akka dhaga’amuu fi uummanni biyya keessaa haa turu jedhee nu gaafata jedhan. Waraanni kun garuu manneen barnootaa fi kanneen biroo keessa buufatee hin jiru kan jedhan obbo Getaachoon kun taanaan adaba seeraatu fudhatamuu qaba jedhan.

Sababaa walitti bu’iinsa uumameen kannee lubbuun isaanii darbee fi qabeenyaan isaanii barbada’eef kunuunsi barbaachisu kan godhamu ta’uu mootummaan bulchiinsa naannoo Oromiyaa waan beeksiiseef kun hojii irra kan oolu ta’a jedhu. Baatii sadaasa darbe Oromiyaa keessatti maastar plaanii Finfinnee kan ilaaleen mormiin erga ka’e booda Obbo Getaachoo Raddaa ibsa tuuta oduuf kennan irratti sochii ta’e sheeyxaanaa fi maqaa adda addaan fakkessanii dubbachuun qeeqa kan hordoofsisee ta’us Oboo Getaachoon garuu hin jenne jechuun haalan. Jechoota Afaan Ingliffaan ittiin waa ibsan gara Afaan Amaaraatti jijjiruuf yeroon yaaleetti dogoggoora uumameen namoonni gaddan hangi tokko jiraachuu nan beeka. kanaafis dhiifama garaa koo irraa ta’een gaafadha jedhanii Uummata Oromoof jaalala akka qabanis ibsanii jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii guutuu Obbo Getaachoo Raddaa waliin geggeessine dhaggeeffadhaa