Giiftii Elizabeet Kooviid-19 Qabamanii Jiru 

  • VOA

Mootittiin Briteen Elizabet dhukkuuba KOOVIID-19n qabamuu isaanii fi mallattoo giddu galeessa kan utaalloo fakkaatu agarsisuu isaanii, masaraan Mootii kan Baakiinghaam Paalaas Dilbata kaleessaa beeksisee jira.

Umriin isaanii 95 kan ta’e mootittiin Elizaabeet bakka jiraatan Wiindsoor Kaasiil irraa ibsii ba’e akka jedhutti, torban dhufu hojii sasalphaa hojjachu kan itti fuufan ta’u beeksisee jira.

Masaraan Mootii Baakiinghaam Paalaas akk jedhutti, mootittiin talaalii farra dhukkuuba KOOVIID-19 marsaa sadeenuu fudhtanii jiru.

Ilmii isaanii angafnii priins chaarlees fi haatii warraa isaanii Kamillaan vaayrasii Koronaan qabamanii turan .

Mootittin Elizaabeet waggaa 70ffaa Gonfoo Giiftummaa itti dhaalan Guraandhala 6 darbee kana kabajanii turan.